Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa waliigaltee malee adda ba’e

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa waliigaltee malee adda  ba’uun dhiibbaa biyyoonni muraasni faayidaa mataa isaanii kabachiisuuf taasisan kan agarsiisu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaarra qoqqobbii kaa’uuf walga’iin taa’e waliigaltee malee xumuramuun  isaa biyyoonni muraasni faayidaa mataa isaanii herreeguun  dhiibbaa taasisan deeggaruu dhabuu isaanii ta’uu ibsaniiru.

Ejjennoon biyyoonni gamtaa Awurooppaa tokko tokkoo fi kanneen biroon Ityoophiyaarratti adeemsisan dhugaarratti kan hin hundoofne ta’uu fi dadhabii bu’aa hin qabne akka ta’e kaasaniiru.

Waliigaluu dhabuun isaaniis biyyoonni tokko tokko dhiibbamanii wanta hin beekne keessa galanii Ityoophiyaarra dhiibbaa geessisuuf yaaluun sirrii kan hin taane ta’uu agariisa jedhan.

Maddi:- DhPI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.