Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Qabeenya Diinagdee Awurooppaa fi Eeshiyaa Ityoophiyaan tumsituu oolaantuu daldalaa keenyaati jedhe

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC)- Gamtaa Qabeenya Diinagdee Awurooppaa fi Eeshiyaa fi Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2022 karoora tumsa isaanii caalmaan guddisuuf dandeessisuurratti mari’ataniiru.

Komishinii Gamtaa Qabeenya Diinagdee Awurooppaa fi Eeshiyaatti daayreektara dippartimantii guddina waloo kan ta’aan Goohaar Baarseegniyaa, Raashiyaatti Ambaasaaddar Ityoophiyaa Almaayyoo Taganuu waliin marii taasisaniiru.

Goohaar Baarseegniyaa, Ityoophiyaan tumsituu daldalaa olaantuu ta’uusheen hariiroo seenaa qabeessaa biyyaa cimsiteedha jedhaniiru.

Bara Faranjoota Onkololeessaa hanga Amajjii 2021 Ityoophiyaa fi Awurooppaa- Eeshiyaa biyyoota miseensa ta’aan keessa wal jijjiirra daldalaa gaggeeffameen kana bara 2022 wal bira qabamee yoo ilaallamuu caalmaa %4.7 dabaluusaa daayreektarichi himaniiru.

Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuun gama isaaniin, oomishaalee Ityoophiyaatti oomishamaan keessaa Abaaboo, uffatalee, bunaa fi kanneen biroo gabaa Eeshiyaa fi Awurooppaatti hedduumminaan kan barbaadamanii fi dorgomaa ta’uu himuusaanii ragaan Imbaasii Raashiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.