Fana: At a Speed of Life!

Garee ‘MIDROC’n kan ijaarme gamoo Miinaa abbaa darbi 25 hojii eegale

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Garee ‘MIDROC’n kan ijaarme gamoo Miinaa abbaa darbi 25 hojii eegale.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee magaalaa Finfinneetti waggaa 13 dura Garee ‘MIDROC’n gamoo Miinaa abbaa darbi 25 ijaaramee osoo hojii hin eegalin ture guyyaa har’aa hojii ibsaniiru.

Aadde Adaanach gamoo Miinaa keessaatti omishaalee biyya keessatti omishamani bakka tokkootti shammattootaaf akka dhihaatuu kan hojjataa jiru Supparmaarkeetti Kuwiinsi eebbisnee jirras jedhaniru.

Supparmaarkeettoonni ammayya’aa akkanaa magaalatti keessatti baayyachuu fi babbalachuun isaanii fedhii gabaa jiraattootaa guutuu, rakkoo gabaa omishtootaa fi shammattoota gidduu jiru dhiphisuu, qaala’insa jireenyaa fi daballi gabaa hir’isuu akkasumas carraa hojii uumuuf gahee olaanaa qabachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.