Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT abdii kutachuun gochaa garaa jabinaa raawwachaa jira – Obbo Awwal Aarbaa

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT abdii kutachuun gochaa garaa jabinaa raawwachaa jiraachuu Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan ibsan.
Garichi naannoo Amaaraa fi Afaaritti lammiilee nagaa ajjeesaa, buqqisaa fi qabeenya barbadeessaa jiraachuu obbo Awwal ibsaniiru.
Qabeenya mootummaa fi nama dhuunfa saamaa fi barbadeessaa jiraachuu eeraniiru.
Qabeenyi maanguddootaa fi qaama miidhamtootaa osoo hin hafin saamuu fi barbadeessuun garee garaa jabeessa ta’uu isaa mirkaneessaa jiraachuu obbo Awwal eeraniiru.
Gochaan garichi yeroo ammaa raawwachaa jiru abdii kutachuu isaa kan agarsiisu ta’uu himaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa hundi gareen kun bineensa ta’uu isaa hubachuun sosochii garicha barbadeessuuf taasiifamu adda dureen deeggaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Tokkummaa jiraattoota naannoo Afaariin garicharra kisaaraa cimaan ga’aa jiraachuu kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
May be an image of 1 person
0
People Reached
61
Engagements
Distribution Score
Boost Post
43
14 Comments
4 Shares
Like

 

Comment
Share

14 Comments

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.