Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa jumlaan ajjeesuun yakka idil addunyaa raawwateera-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC)- Gareen shororkeesaa ABUT lammiilee nagaa jumlaan ajjeesuun yakka idil addunyaa raawwateera jechuun sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddugala ijaarsa sirna Diimookiraasii Waajjira Muummee Ministiraa Dooktar Biqilaa Hurrisaan himaniiru.
Hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo, hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinnee godina Gondar kaabaa aanaa Daabaat ganda Caanaa bakka awwaalchaa lammiilee nagaa garee shororkeessaa ABUT ajjeefamanii daawwataniiru.
Daawwannichaan Dooktar Biqilaan akka himanitti, gareen shororkeessaa ABUT waggoota 27 uummattoota Ityoophiyaa hidhaan dararuu fi yakkoota biroo hojjetaa tureera jedhan.
Gareen kun har’a Ityoophiyaanoota yoon balleessinee jechuun ajjeechaa gara jabina jumlaa raawwachuun yakka idil addunyaa raawwateera jedhaniiru.
Gareen shororkaa kun gochaa gara jabina akka kana akka irra hin deebineef irree tokkummaa Ityoophiyaanootaatin ni barbadeeffamaa jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.