Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT oomisha Gabaan Oomisha Ityoophiyaa Kuusaa keessatti Mankuusee saamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT oomisha Qonnaa Gabaan Oomisha Ityoophiyaa Mankuusaa keessatti kuuse saamuu fi biiroolee barbadeessuu Abbaan Taayitaa Gabaa Oomisha Ityoophiyaa beeksiise.
Garichi oomisha qonnaa Birrii miiliyoona 24.9tti tilmaamamu saamuu Abbaan Taayitichaa beeksiiseera.
Gareen Shororkeessaa ABUT oomisha Kuusaa lama keessatti kuufamee ture saamuu fi Biiroolee barbadeessuu Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Oomisha Gabaa Ityoophiyaa Injiinar Ileeroo Uppiiyaw ibsaniiru.
Kuusawwan Shiraaroo fi Umaraa keessaa Oomishaalee Qonnaa kuntaala kuma 4 fi 822 saamuu eeraniiru.
Wayita qonnaan bultoonni oomisha sassaabaa jiranitti Raayyaa Ittisaarratti haleellaa raawwachuun saamicha gaggeessuu daayreektarichi himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT oomisha saame hedduu fudhachuun gaariin ammoo tajaajilaaf akka hin oolletti mancaasuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.