Fana: At a Speed of Life!

Gatiin boba’aa idil addunyaa ol ka’uun mala jedhame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Bara faranjootaa baatii Hagayyaa eegalee daldala alaa boba’aa isheerratti guyyatti baarmeelaa miiliyoona 1 hir’isuuf Karoorfachuu Saa’ud Arabiyaan beeksiste.

Karooraa ishee kana hordofee gatiin boba’aa addanyaa dabalaa jiraachuun eerameera.

Yeroo ammaas gatiin boba’aa Eeshiyaa %2.4 daballii argisiisuun gabaafameera.

Biyyoonni garee oomishtootaa fi ergitoota boba’aa turanii fi haaraa garechatti makaman karoora Saa’ud Arabiyaa kana irratti waliigaluun ibsameera.

Akkasumas gatiin boba’aa kufeera sababa jedhuun bara 2024 eegalee daldala alaa isaaniirratti boba’aa baarmeela miiliyoona 1.4 guyyatti hir’isuuf karoorsuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Biyyoonni oomishtootaa fi ergitootaa boba’aa, jikita boba’aa Addunyaa %40 ta’u kan qooddatan ta’uurraan kan ka’ee gabaa daldala boba’aa addunyarratti waliigalteerra ga’uun isaanii dhiibbaa olaanaa uumaa jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.