Fana: At a Speed of Life!

Gatiin gurgurtaa boba’aa haala amma jiruun itti fufa jedhame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Boba’aa xiyyaaraarraan ala gatiin gurgurtaa boba’aa haala amma  jiruun kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Amajjii 29, 2015 halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga Guraandhala 30, 2015’tti boba’aa xiyyaaraarraan kan hafe gatiin oomishaaleen boba’aa biroon haala amma jiruun kan itti fufu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Bifuma kanaan gatiin gurgurtaa boba’aa xiyyaaraa Birrii 69fi saantima 82’n akka gurguramu murtaa’uu ministeerichi beeksiseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.