Fana: At a Speed of Life!

Giddugala wal’aansa dubartootaa fi daa’imman miidhaa koorniyaaf saaxilamanii babal’isuuf hojjetamaa jira-BFO

Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Giddugala wal’aansa dubartootaa fi daa’imman miidhaa koorniyaaf saaxilamanii Hospitaalotaa hundatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
 
Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Giddugalli wal’aansa dubartootaa fi daa’imman miidhaa koorniyaaf saaxilamanii Birrii miiliyoona 3.7 oliin Hospitaala Waliigalaa Malaakaa Odaatti ijaarame tajaajila guutuu eegaleera.
 
Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqaalaa giddugalichi miidhaa koorniyaa baay’achaa dhufuun giddugaloonni akkanaa babal’achuun barbaachisaadha jedhan.
 
Dubartoonnii fi daa’imman gudeeddiin, reebichaan, miidhaan xiinsammuu irraa gahe, bakka gorsa xiinsammuu, wal’aansa fayyaa waliigalaa fi gorsi seeraa ni kennama jedhan.
 
Giddugala kanatti ogeeyyiin seeraa, fayyaa fi xiinsammuu qindoominaan tajaajila kan kennan ta’uu Doktar Mangistuun himaniiru.
 
Tajaajilicha Naannoo Oromiyaa hospitaalota 9 keessatti kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaa hospitaalota 22’tti kennama jiraachuu fi fuulduraattis hospitaalota hundaatti babal’isuuf hojjetamaa jiraa jedhan.
 
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimal gama isaaniin, giddugalli akkana dubartootaa fi daa’imman miidhaa koorniyaaf saaxilaman bakka tokkotti tajaajila qinda’aa argatanii akka dandamtan haala mijataa kan uumuudha jedhaniiru.
 
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.