Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Daataa “Wing Africa”n Itiyoophiyaatti ijaarsise ulaagaa Idil Addunyaa guutuun waraqaa ragaa argate

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Giddugalli Daataa “Wing Africa”n baasii Doolaaraa miiliyoona 50’n Itiyoophiyaatti ijaarsise ulaagaa madaallii idil addunyaa guutuun waraqaa ragaa argateera.

Giddugalichi warqaa ragaa argachuun tajaajilaa odeeffannooo amansiisaa fi saffisaa akkasumas kan nageenyi isaa eegame dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaaf akka kennu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Yishruu Alamaayyoon akka jedhanitti, waraqaa ragaa argachuun giddugalichaa, sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomtummaa dhaabbatichaa kan cimsu ta’uu fi ce’umsa dijitaal Itiyoophiyaa kan saffisiisu ta’uu kaasaniiru.

Hoji Raawwachiisaan “Wing Africa” Antoonii Vooskaardis, waraqaa ragaa argachuun giddugalichaa Itiyoophiyaatti ce’umsa dijitaalaa gaggeeffamaa jiruuf boqonnaa haaraa kan banu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan dandeettii teeknooloojii Itiyoophiyaa guddisuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.