Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Innooveeshinii Ijaarame eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii deeggarsa Ejensii Walta’iinsa Idil Addunyaa (KOICA) giddugala innooveeshinii ijaarsise eebbisiise.

Giddugalichi Paarkii Indaastirii ICT keessatti kan ijaarame yoo ta’u, dargaggootaa hojii bizinasii jalqaban fi hojii uumtotaaf bu’uuraalee misoomaa innooveshinii fi teeknooloojiin tumsamuun hojiilee hojjetaniif giddugala tumsu ta’uu ibsan.

Waltajjichaarratti Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Baayyisaa Badhaadhaan, giddugalichi ijaarsa ‘Dijitaal Itiyoophiyaa’ keessatti akka gumaachu ibsaniiru.

Keessumaa ogeeyyii dargaggoota yaada hojii ka’umsaa qaban gabbisuuf gahee olaanaa akka qabu dubbatan.

Pireezidaantii Ittaanaa Ejensii Walta’iinsaa Idila addunyaa Doongi Hoo Kiim gama isaaniin, ejensichi Itiyoophiyaatti damee teeknoolojii fi innooveeshiniin deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.