Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli warshaala, gurgurtaa fi gurgutaan boodaa konkolaataa Ayisuuzuu eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Giddugaloonni warshaala, gurgurtaa fi gurgutaan boodaa konkolaataa Ayisuuzuu eebbifameeera.

Sirna eebbichaarratti Ministira Ministeera Geejjibaa Dooktar Alamuu Simee, Ministira Ministeera Obbo Malaakuu Allibal, Ministira Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Adunyaa, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Iitoo Taakaakoo dabalatee qondaaltonnii fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Ministira Ministeera Geejjibaa Dooktar Alamuu Simeen saganticharratti haasawaa taasisaniin, konkolaattoota fe’umsaa baay’inaan akka oomishaman taasisuun damee loojistiksii sadarklaa idil addunyaatti dorgomaa taasisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis, sharafa alaa hambisuuf oomishaaleen biyya keessaa filmaata ta’uu kaasanii, damichi diinagdee biyyattii akka utubuuf abbootiin qabeenyaa dhuunfaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Sadarkaa biyyaattiitti kan jalqaba kan ta’e giddugalli warshaala, gurgurtaa fi gurgurtaan boodaa konkolaattota Ayisuuzuu banamuun, carraa hojii lammiileef uumuun diinagdee biyyaalessaa gama tumsuun gahee olaanaa akka qabaatu Hoji Gaggeessan Dhaabbata Dhuunfaa Kaakii Mootarsi Obbo Gabiramikaa’el Girmaay dubbataniiru.

Dhaabbatichis humna guutuun hojii wayita eegaluu lammiilee 750’f carraa hojii akka uumuu fi waggatti konkolaatoota kuma 2 fi 500 akka oomishu himaniiru.

Akkasumaas ce’umsa beekumsa teeknooloojiif haala mijata ta’uun ibsameera.

Giddugalli kunis ministirootaa fi qondaaltota biroon daawwatamuu ragaan Ministeera Geejjibaarraa argeme ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.