Fana: At a Speed of Life!

Godaantonni 413 Jibuuttirra gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)-Godaantonni lammiilee Itiyoophiyaa 413 guyyaa kaleessaa Jibuutiirra gara Ityoophiyaatti deebi’uun ibsame.

Godaantoota deebi’an 413 keessaa 164 dubartoota yoo ta’an 249 dhiiroota ta’uun eerameera.

Godaantoonni kunneen naannawaa Taajuraa kan turanii fi sababa godaansa seeraan alaan rakkoo keessaa kan turan ta’uu Jibuutiitti Embaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.

Balaan godaantoota Jibuutiirraa gara Yamaanitti qaxxamuuruuf yalaan irra ga’u yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun namoota baay’eerra miidhaan garaagaraa qaqqaba jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan lammiileen rakkoo godaansaan dhufu hubachuun godaansi furmataa akka hintaane beekuun ofiif maatii isaanii balaarraa ittisuuf qamoolee dhimmichi ilaalatu waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.