Fana: At a Speed of Life!

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti sirni cufinsa hojii dirqama tajaajila lamummaa Gannaa taasifameera

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti sirni cufinsa hojii dirqama tajaajila lamummaa Gannaa taasifameera.
 
Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti sirni cufinsa hojii dirqama tajaajila lamummaa Gannaa taasifame, qaamolee hojii kana irratti hirmaataniifis beekkamtiin kenname.
 
Sagantaa kana irratti argaman Bulchaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Haayiluu gama isaaniitiin akka dubbatanitti hojiin dirqama tajaajila lamummaarratti akka godina keenyaatti hojjetame hojii fakkeenyummaa qabuudha.
 
Hojiin kunis hojii jireenya namaa jijjiru bira darbee hojii dhaloota dhalootatti darbu ta’uu ibsuun qaamoolee hojii kana irratti hojjetaniis galateeffataniiru.
 
Hojiin dirqama tajaajila lamuummaa ganna kanaas akka Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti sagantaa hojii ja’a fi gosoota hojii 25 irratti hojjetamaa akka ture ibsaniiru.
 
Hojiin hojjetame kunis yeroo tilmaamuu qarshii miliyoona 142 ol akka ta’e ibsuun hojii bonaa keessattis qindoominaan hojjechuuf akka qophaa’an Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimmoota Dubartootaa,Daa’immanii Fi Dargaggootaa godinichaa aadde Zinaash Abeebee dubbatu.
 
Hojii tajaajila lamummaa Gannaatinis Aanaan sulultaa 1ffaa Aanaan Barrak 2ffaa yoo ba’u Bulchiinsi Magaalaa Sandaafaa Bakkee 3ffaa ba’eera.
 
Bulchiinsi Magaalaa Caancoo Badhaafamaa Addaa ta’uun badhaafameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.