Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti Birriin Miiliyoonni 5 seeraan alaa daddabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa magaalaa Kofaleetti Birriin Miiliyoonni 5 seeraan alaa daddabarfamaa ture to’atamuu ibsameera.
Shakkamtoonni maallaqa kana daddabarsaa turan lama to’annoo jala ooluu Waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Kofaleetti Qindeessaan Diiviizhinii Qorannoo Yakkaa Saajina Ol’aanaa Badhaasoo guddataa ibsaniiru.
Birriin kun magaalaa Shaashamannee irraa gara aanaa Nansabootti osoo dabarfamuu qindoomina poolisii humna addaa Oromiyaa fi magaalaa Kofaleetiin to’atamuu Ajajaan waajjira poolisii magaalaa Kofalee Saajina Olaanaa Taarikuu Waggaarii eeraniiru.
Birriichi qaama badii rakkoo qaqqabsiisuu harka galuuf kan daddabarfamaa ture ta’uu Saajin Olaanaa Taarikuu Waggaarii ibsaniiru.
Ajajaan Waajjira Poolisii bulchiinsa Magaalaa Kofalee Saajin Olaanaa Taarikuu Waggaarii diinni yeroo mirgoota namoomaa sarbaa jiru kanatti,hawaasni hundi dammaquun nageenya akka eegatu dhaamaniiru.
Getaachaw Mul’ataatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.