Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Omishaalee bu’aa indaastirii qulqullinaafi gatii madaalawaan dhiyeesuuf hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Godina Arsiitti Omishaalee bu’aa indaastirii qulqullinaafi gatii madaalawaan dhiyeessuuf hojjatamaa jiraachuu ibsameera.
Mariin tajaajila makaanayizeshinii babal’isuun omishaa fi omishtummaan qonnaa dabaluurratti xiyyeeffate qoodaa fudhattoota waliin gaggeeffameera.
Hojii Makanaayzeeshiinii cimsuuf Birriin miiliyoona 273 oliin maashinoora adda addaaf karaa Yuniyeenotaan qophaa’aa jiraachuu ibsameera.
Godinichaatti Qonna ammayyeessuun tajaajila makaanayizeeshiinii babal’isuun Omshitummaan akka dabaluun jiruufi jireenyi hawaasa fooyyessuuf hojjatamaa jiraachuun himameera.
Ittigaafatamaan Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Godina Arsii Obbo Aadam Sa’id raawwii hojii deebii calla guddiftuu harcaatii malee akka raawwatamu gochuun qonnaan bulan yaaddoo malee hojii qonnaatiif xiyyeeffannoo kennee akka hojjatu taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir qonna ammayyeessuu fayyadamummaa makanayizeeshinii cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.