Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Aanaa Goomoleetti sakatta’insa yeroo adda addaa taasifamaa jiruun maatiin garee juuntaa ABUT badii raawwachuu socho’aa jiran namoonni 13 to’atamanii jiru

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Goomoleetti sakatta’insa yeroo adda addaa taasifamaa jiruun maatiin garee juuntaa ABUT badii raawwachuu socho’aa jiran namoonni 13 to’atamanii jiru.

Namoonni kun qindoomina qaamolee nageenyaa fi hawaasa aanichaatin to’annoo jala oolfamuu Waajjirri Poolisii Aanaa Goomolee beeksiseera.

Aanaan Goomolee Aanaa qindoomina cimaan hojii nageenyaa fi misoomaa hojjechaa jiruu fi sakatta’insa cimaa gaggeessaa jiruun bu’aa olaanaa argamsiisa jiraachuus Waajjirri Poolisii aanichaa beeksisee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.