Fana: At a Speed of Life!

Godina Gaamootti balaa jijjiigootin lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Naannoo kibbaa godina Gamoo aanaa Gaacoo Baabbaatti rooba cimaa roobeen balaa lolaa fi jijjiigoo muudateen lubbuun namoota 10 darbeera.

Ajajaan poolisii godinichaa Koomaandar Rattaa Takluu, aanaa Gaacoo Baabbaa ganda Gaatsee Gollootti ganama sa’aa 1 ttii rooba cimaa robeen balichi qaqqabuu himaniiru.

Akka ibsa Koomaandar Rattaatti, aanichuma ganda Giinaatti lolaan garaa irraa dhufuun mana jireenya abbaa warraa 3 fi kuduraa fi muduraan lolichaan fudhatamaniiru.

Haaluma wal fakkatuun godinichuma aanaa Gaaresee ganda Garibaansaa Gaalootti roobaa cimaa robeen lolaa fi jijjigoo mudaateen dubartoota sadii fudhateera.

Roobnichi itti fufuun hallii jijjigoo kan itti fufee yoo ta’u, barbaacha reeffaaf rakkoo uumaa jira jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.