Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti barattoota harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasiifame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti tajaajila tola ooltummaan barattoota harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaalee barnootaa Birrii kuma dhibba 7 fi kuma 91 baasu taasiifamuu ibsameera.
Seektaroonni mootummaa godina Harargee Lixaa, Yuunvarsiitiin Odaa Bultum, Koolleejjiin Barnootaa Barsiisota Ciroo waliin ta’uun meeshaslee barnootaa Dabtara,qalama fi kitaaba wabii kuma 13 fi 427 Birrii kuma dhibba 7 fi kuma 91 Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaatf laataniiru.
Bara kana karaa qindoomina qabuun barnootarratti hojii hojjanneen foyya’iinsi gaariin jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Baroontaa Godina Harargee Lixaa obbo Awwal Abdallaa ibsaniiru.
Godinichatti bara kana tajaajila tola ooltummaa gannaan hojii Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 11 olitti tilmaamamu hojjetamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.