Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbayyii Coommaniti filannoon karaa nagaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti jiraattonni Aanaa Abbayyii Coomman filannoo marsaa 6ffaa karaa nagaan gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagalee erga kennanii boodas biqiltuu dhaabaa jiru.
Jiraattoonni kunneen filannoo marsaa 6ffaa kanaan paartii walqixxummaan biyya bulchuu danda’a, misooma jalqabame itti fufsiisuu fi nageenya amansiisaa fida jennee itti amanne karaa bilisa ta’een filanneerra jedhan.
Naannoo filannoo Finca’aatti buufataleen filannoo 188 irratti filattoonni kumni 80 fi 945 karaa bilisa ta’een sagalee laataa jiraachuu himameera.
Akka OBN gabaaseetti Aanichaatti bara kana biqiltuu dhaabbamuuf qophaa’e keessaa yaadannoo filannoo marsaa 6ffaatiin biqiltuun kumni 81 fi 160 ni dhaabbata jedhame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.