Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee garaa garaa keessatti Miseensonni Shanee 110 waamicha karaa nagaa darbeef fudhachuun harka kennachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 2, 2016 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee garaa garaa keessatti Miseensonni Shanee 110 waamicha karaa nagaa darbeef fuchuun harka kennachuu Bulchiinsi Godinichaa Beeksise.

Humni ABO Shanee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ummata shororkeessaa ture tarkaanfii cimaa tibbana fudhatameen gariin isaanii kan barbada’an, baay’een isaanii kan booji’amaniifi meeshaaleen ittiin ummata hiraarsaa turan hedduunis kan booji’aman tahuun gabaafameera.

Hojii kanaanis Godinichatti Miseensonni garichaa 89 yoo booji’aman hanga ragaan kun qindaa’ettis miseensota isaa kuma 2 fi 237 irratti olaantummaan seeraa mirkanaa’uu ragaan Bulchiinsa Godinichaarraa argame kan mul’isu.

Hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu kanaanis meeshaaleen waraanaa mortarii tokko, diishqaa sadii, kilaashii 197,meeshaa boodatti hafoo 238, shugguxii saddeet,boombii garaa garaa 103,ilaaltuu dirree waranaa lama, kaartaa 527,rasaasa bireenii 324, rasaasa diishqaa 482 fi rasaasa garaa garaa kuma 10,254 booji’amuunis eerameera.

Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaan nagaan ummataa deebi’aa kan jiru tahuufi tarkaanfii cimaan fudhatamuu eegale kun hirmaannaa ummataatiin cimee kan itti fufe tahuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.