Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmatti Qamadiin jallisiin misoome sassaabamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Godina Jimmatti Qamadiin jallisiin misoome sassaabamaa jiraachuu ibsame.

Godinichati bara kana lafa hektaara kuma 400 fi 40 irratti Qamadiin jalliisiin misoomuun hordooffifi kunuunsi taasifamaafii turuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.

Yeroo ammaas omishichi sassabamaa jira.

Qamadiin Jallisiin misoome kun roobaan akka hin mancaaneef kombaayinaraan sassaabamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajira Qonnaa godina Jimmaa Obbo Mahaammad Xahaa Abbaa Fiixaan himaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin godinichatti lafti qamadiin misoomu waggaadhaa waggaatti dabalaa dhufuu isaa himaniiru.

Qamadii misoomeerrra omishni kuntaalli miiliyoonni 10 ol ni argama jedhamee eegama.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.