Fana: At a Speed of Life!

Godina Kibba Tigraayitti galmeen barattootaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Godina Kibba Tigraayitti adeemsa baruu fi barsiisuu jalqabsiisuuf galmeen barattootaa eegalamuu Qajeelcha Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa bulchiinsa yeroo godinichaa beeksiiseera.
Galmeen barattootaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa eegalamuu Qindeessan Qajeelchichaa obbo Abrihaa Dasaalew ibsaniiru.
Obbo Abrihaan magaaloota kanneen akka Mahoonii fi Addishahuu keessatti galmeen eegalmuu himuun, galmicha yeroo gabaabaa keessatti xummuruun barnoonni kan eegalamu ta’uu eeraniiru.
Akka TOI gabaaseetti Maayicoo fi naannawaa godinichaattis galmee barattootaa eegaluuf qophiin taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.