Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti lubbuun lammiilee nagaa akka darbu qaamoleen tumsanii fi qindeessuun shakkaman too’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Godina Matakkalitti lubbuun lammiilee nagaa akka darbu qaamoleen tumsanii fi qindeessuun shakkaman namoonni 504 too’annoo seeraa jala oolan.
 
Preezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan godina Matakkalitti lubbuun lammiilee nagaa akka darbu qaamoleen tumsaanii fi qindeessuun shakkaman namoonni 504 too’annoo seeraa jala ooluu ibsaniiru.
 
Preezdaantoonni naannoo Amaaraa fi Beenishaangul Gumuuz dhimmicha ilaalchisuun ibsa waloo laataniiru.
 
Ibsa isaaniin qaamoleen jijjiirama dhufe kanatti mufatan nageenyi akka hin jiraanne yeroo garagaraatti sochii taasisaa jiraachuu eeraniiru.
 
obbo Ashaadilii Hasan ajjeechaa raawwate duuba harki ABUT akka jiru irra geenyerra jedhan.
 
Nageenya naannichaa bakkatti deebisuuf raawwachiisaan koomaad poostii Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin ta’uu gamaaggama gaggeessuu himaniiru.
 
Raayyaan ittisa biyyaa garee naannichatti hidhatee socho’aa jiru balleessuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru.
 
Preezdaantiin mootummaa naannoo obbo Tamasgeen Xuruneeh gama isaaniin dhalattoota saba Amaaraa naannoo Beenishaangul Gumuuz jiraataan nageenyi isaanii eegamuu akka qabu kaasaniiru.
 
Haylemikaa’eel Deebisaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.