Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallaga Bahaatti xaa’oon uumamaa meetrik Kiyuubiin miiliyoonni 3 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Godina Wallaga Bahaatti xaa’oon uumamaa meetrik Kiyuubiin miiliyoonni 3 ol qophaa’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa ibse.

Xaa’oon uumamaa qonnaan bultootaan qophaa’e kun lafa heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 17 fi 735 misoomsuu kan danda’u ta’uu gorsaan garee foyya’iinsa gabbina biyyoo waajjirichaa obbo Alamuu Asfaaw ibsaniiru.

Dabalataanis xaa’oon “Varm Compost” fi hambaa baayoo gaaziirraa xaa’oon kuntaalli kumni 6 fi 748 qophaa’uu kaasaniiru.

Xaa’oon uumamaa asiidummaa biyyee kan hir’isu ta’uu fi lafti xaa’oo uumamaan misoome waggoottan walitti aanan sadiif xaa’oo osoo hin barbaadiin oomisha kennuu akka danda’u eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.