Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Lixaatti hojiin misooma Sululaa eegale

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Lixaatti hojiin misooma Sululaa 484 bu’ureeffatee hojii kunuunsa qabeenya uumamaan eegaluu Waajjirri Qonnaa godinicha ibseera.

Hojiin misooma sululaa har’arra eegalee baatiwwan lamaaf kan turu ta’uu ibsameera.

Abbaan Adeemsa qabeenya uumamaa waajjiricha obbo Fiqiruu Birhanuu akka ibsaniitti, hojiin musooma sulaalaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa godinichatti aanolee 20 keessaatti kan gaggeeffamuu ta’u himaniiru.

Dabalatanis hojiin lafa hektaara kuma 24 fi 785 xuxuqaa namaa fi horiirra ittisuu ni hojjetama jedhaniiru.

Duula misooma sulalaa kanarratti qonnaan bultoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 81 akka hirmaatan obbo Fiqruun himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.