Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti hawata turizimiirraa galii Birrii miiliyoona 30 argachuuf hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti hawwata turizimii irraa galii Birrii miiliyoona 30 argachuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Aadaa fi Turizimii godinicha beeksise.

Guyyaan tuurizimii Addunyaa sadarkaa godinaatti har’a kabajameera.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii Godinichaa Aadde Maliyaa Tufaa godinichi iddoowwan hawata tuurizimii 142 fi ardaalee jilaa 58 qabaachuu eeraniiru.

Kanaais bakkeewwan hawataa kanneenirraa galii Birrii miiliyoona 30 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinni Arsii Lixaatti dawoo qorkee siinqillee, Haroo Abjaataa fi Shaallaa, bineensotaa fi allattiiwwan uumamaa kan qabuudha.

Jibriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.