Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti nageenya mirkaneessuun cinaatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran jajjabeessoodha-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaatti nageenya mirkaneessuun cinaatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran jajjabeessoo ta’uu Pireezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Magaalaa Dambi Doolloo fi Yuunivarsitii Dambi Doollootti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Af-yaa’ii Ittaanaa Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Uummataa Uummanni hojiilee misoomaa fi nageenyaa milkeessuu keessatti adda durummaan hirmaachaa jiraachuu himanii, Godinichatti nageenyi mirkanaa’aa jiraachuuf hojiileen misoomaa bal’inaan hojjetamaa jiran agarsiistuu ta’uu himaniiru.

Obbo Awwaluu Abdiin gama isaaniin hojiileen misoomaa fi nageenya godinichatti hojjetamaa jiran kan jajjabeeffamuudha jedhaniiru.

Badhadhinaa maatii dhugoomsuu fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiileen gama Yuunivarsiitii Dambi Doolloon hojjetamuu eegalaman cimanii itti fufuu fi bu’aaleen qorannoos qonnaan bultoota biraa ga’uun kan irraa eegama ta’uu akeekaniiru.

Hoggaansi Sadarkaan jirus carraalee jiranitti fayyadamuun badhaadhina ummataa dhugoomsuuf kutannoon hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa akka godinichaatti hojiin misoomaafi nageenya qindoominaan hojjetamaa jiru sadarkaa olaanaan milkaa’aa jiraachuu himan.

Yuunivarsiitiin Dambi Doolloos qorannoowwan qonnaa garaagaraa hawaasa biraan gahaa jiraachuu eeruun karoora akka mootummaatti qabame milkeessuufis deggarsa olaanaa ta’uu dubbachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.