Fana: At a Speed of Life!

Googl sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin hojjettoonni isaa mana taa’anii hojii isaanii akka hojjetaniif gaafate

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 FBC)- Googl sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin hojjettoonni isaa mana taa’anii hojii isaanii akka hojjetaniif gaafate.

Obbolaa dhaabbata Googl kan ta’e Alfaabeet, hojjettoonni isaa mana taa’aani hojii isaanii akka hojjetan gafateera.

Gaaffichi hojjettoota isaa Ameerikaa Kaabaa ilaallata jedheera.

Googl addunyaarratti yaddoo guddaa ta’aa kan dhufe tamsa’ina vaayrasii koroonaaf gaafficha dhiyeessera.

Gaffin inni amma dhiyeesse Ameerikaa fi Kaanaadaatti kan argama biiroowwan isaa 11 keessa kan hojjetan hojjettoota kuma 100 kan ilaallatudha.

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii kuma 1 ga’eera.

Kanumaan walqabsiisuun hojjettoota Googl dabalatee hojjettoonni Aappil, Amaazoon, Mayikroo Sooftii fi Feesbuuk hojii isaanii mana ta’aanii yoo hojjetan weerara vaayrasichaaf saaxilamuun ni xiqqaata yaada jedhu dhiyyeessera.

Yaa ta’u malee Alfaabeet biiroosa Ameerikaa Kaabaa jiru keessatti hojjettoota biroo keessa taa’anii hojjetaniif banaa ta’uu beeksiseera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.