Fana: At a Speed of Life!

Guddina Diinagdee waliigalaaf moodeeliin qonnaa fi faayinaansii idil addunyaa haaraa fi cimaan barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Guddina Diinagdee waliigalaaf moodeeliin qonnaa fi faayinaansii idil addunyaa haaraa fi cimaan barbaachisaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dooktar Abiy yaa’ii sirna nyaataa 2ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Wabii nyaataa, carraa hojii uumuu fi Guddina Diinagdee waliigalaaf moodeeliin qonnaa fi faayinaansii idil addunyaa haaraa fi cimaan barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Ityoophiyaan imaammataa fi tasiimoorra darbee humna misooma qonnaa guddisuu fi midhaan nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf galmoota qabattee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojiilee hedduu hojjetaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.