Fana: At a Speed of Life!

Gudinni gulantaa miseensota poolisii godina Booranaa 549f kenname

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC)-.Koomishiiniin Poolisii Oromiyaa qondaaltootaafi miseensota poolisii godina Booranaa 549f gulantaa guddinaa kenneera.

Gulantaan kenname kunis gargaaraa saajinaatii hanga koomandaraatti laatameera.

Walumaagalaatti miseensota poolisii 549 ta’an akkaataa ciminaafi dandeettii isaaniitiin kenniinsi gulantaa kun kennamuusaa Koomishinarri Ittaanaa Duubi liiban himaniiru.

Miseensonni gulantaa guddinaa argatan sadarkaa guddinaa argatanitti gammaduun kana booda hojii fuula duraattis hamilee guddaa akka tahuufis himaniiru.

Akka gabaasa OBNtti dhumarratti miseensonni poolisii kun hawaasa waliin ta’uun magaalaa Yaaballoo qulqulleessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.