Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Balal Marsaa 28ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC)-Waltajjiin marii “Gumii Balal” marsaa 28ffaan gaggeeffameera.

Waltajjichi mata duree “Daldala Seeran Alaa fi kontiroobaandii Ittisuun dirqama lammummaati” jedhuun gaggeeffamaa jira. gaggeeffameera.

Koomiishinara Koomiishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa dabalatee hoggaantoonni biroon Naannoo Oromiyaa fi hayyoonni diinagdee argamaniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti daldala seeraan alaa hambisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta’u, keessumaa baatii tokko keessatti namootaa daldalaa seeraan alaarraatti boba’an 120 to’atamuu himaniiru.

Konkolattonni meeshaalee kontiroobadii fe’ani socho’an 98 to’atamuu, mankuusaawwan 869 samsamuu fi kanneen biroorraattis tarkaanfiileen fudhataamaa jiraachuun ibsameera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.