Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni taasifame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Gurgurtaa qinxaaboo boba’aarratti sirreeffama taasisuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Haaluma kanaan Magaalaa Finfinneetti Beenzilli liitiriin tokko Birrii 57 fi saantima 05, naafxaa adii liitiriin Birrii 59 fi saantima 90 akkasumas Keeroosiiniin liitiriin Birrii 59 fi saantima 90 ta’uun ibsameera.

Boba’aa biroon jechuunis boba’aa xiyyaaraa, naafxaa salphaa fi naafxaa gurraacha cimaan gatii amma ittiin gurguramaa jiraniin akka ittii fufan murtaa’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Mootummaan gatii qinxaaboo oomishaalee boba’aa walakkaan deeggarsa taasisaa turus sababa daballiin gatii boba’aatiin deeggarsicha irraa jalaan hambisaa jiraachuun ibsameera.

Baatii Waxabajjii 2014 eegalee deeggarsa boba’aa yaadame hojiiirra oolchaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.