Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa sababeeffachuun argisiisni Suuraa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa sababeeffachuun argisiisni suuraa Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti gaggeeffameera.

Argisiisichis, eenyummaa abbootii kan bu’uureffate, bu’uureffamaa Itiyoophiyaa qaroomtee fi guddattee bara 1900 eegalee hanga 2016’tti Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa hojjechaa kan turan seenaa Ministirootaa fi Itaamaajoor Shuumiiwwanii bifa kitaabaa fi suuraan kan dhiyaatan ta’uun ibsameera.

Gootota, miseensotaa waraanaa duraanii fi hoggantoonni, qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisaa fi miseensonni argisiisicha daawwataniiru.

Itiyoophiyaa dhaabuuf beekumsa abbootii duraanii, dhiiga, lafee fi lubbuu isaaniin gatii kaffaluun sadarkaa har’a ga’uun akka danda’ame argisiisicha kan banana Jeneraal Geetaachoo Guddianaan ibsaniiru.

Dhaloonni ammaas seenaa duraan ture itti fufsiisuun hambaalee fi seenaalee jiran eeguun dhalootaa dhufuuf dabarsuu qabu jedhan.

Argisiischarratti ministeeraa Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Damee Dhimmoota Miseensota Addaa Meejer Jeneraala Xiruyyee Asaffee akka jedhanitti argisiichi seenaalee hundeeffama Raayyaa Duubatti deebisuun kan yaadachiisuudha.

Seenaa Itiyoophiyaa keessatti Gootummaa Raayyaa Ittisa durirraa eegalee kan dhufe kan argisiisu akka ta’ee fi sadarkaa amma irraa jirruu fi ijaarsa raayyaatiif hiika olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Kutaaleen hawaasaa hundis seenaa ol kaa’ame beekee irraa barachuu akka qabu hubachiisuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Argisiisichis hanga Onkololeessa 17, 2016’tti daawwattootaaf banaa ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.