Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) qophii garagaraan kabajameera

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) kabajame.

Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) qophii garagaraan kabajameera.

Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) sadarkaa addunyaatti yeroo 109ffaf, akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 44faf kabajameera.

Guyyichi mata duree “ mirgi namummaa fi dimokiraasummaa dubartootaa akka kabajamu, kabajaa fi faayidaa isaaniif malu akka argatan” jechuun kabajameera.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’a kan kabajame guyyaa dubartootaa ilaachisuun erga gaba geessanii dabarsaniiru.

Erga isaaniin Ayyaanni dubartoota (March8) ayyaana hunda keenyat jedhan.

Ityoophiyaa har’aa ijaaruuf dubartoonni biyyattii gatii guddaa kanfalaniiru jedhan.

Itoophiyaan bilisummaadhaan jabaattee akka jiraattuuf dubartoonni biyyattii dirreewwan waraanaa afurirratti qooda olaanaa taphaniiru jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.

Gootata uumuu, gootaaf gala dhiyeessuu, gootota kunuunsuu fi jajjabeessuu keessatti hirmaannaa taasisaniif galata guddaa qabu jedhan.

Haadholiin hidhannoo hidhachuun lola gootummaa taasisuun injifataniiru,ilmaan isaaniis seenaa gootummaa barsiisaniiru, kabaja biyyaaf wareegamuun agarsiisaniiru, goota faarsuun onnee kakasuun hojiin hojjetan seenaa guddaadha jedhan Dooktar Abiy.

Haadholii fi obboleettiiwwan ummata Itoophiyaa goota godhanii uumaniiru,dirree waraanaarratti humna duubee ta’uun biyyattii injifannoon ga’aniiru jedha ergaan isaan dabarsan.

Humna duubee qofa osoo hin taanee dirree waraanaarratti loltuu madaa’e wal’aanu,kunuunsu, eeboo qabatanii, mudhiisaanii hidhatanii, adda waraanaatti argamuun gootummaa isaanii agarsiisaniiru.

Haadholiin kunneen kennaa addaa biyyattiiti.

Hanga isaan jiranitti Ityoophiyaan goota ni deessi jedha ergaan Dooktar Abiy ayyaanicha sababeeffachuun dabarsan.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.