Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan dubartootaa idil addunyaa addabaabayi michummaatti kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Guyyaan dubartootaa idil addunyaa mata duree ‘ni dandeessa’ jedhuun addabaabayi michummaatti kabajame.
Miidhaa korniyaa bu’uureeffate ittisuuf murannoon kan hojjetamuu ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
Guyyaan kun guyyaa loogummaa koorniyaa madaallawaa hin taane hambisuuf murannoon qabsoon itti gaggeeffamuu fi jechaan qofa osoo hin taane qabatamaan bu’aa galmeessisuuf hojjetamuudha jedhan.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan dubartoonni sagalee laachuu qofaan kan itti hirmaatan osoo hin taanee qixa dhiiraa filatamuun biyya hogganuuf kan itti hirmaatan ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa kana akka mirkaneessu abdiin qaba jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.