Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qusannoo fi Waldaalee Hojii Gamataa 28ffaan kabajame

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Guyyaan Qusannoo fi Waldaalee Hojii Gamataa idila addunyaa 28ffaan magaalaa Finfinneetti kabajamaa jiraachuu ibsame.
Guyyaan kun mata duree ‘Waldaaleen Hojii Gamataa Qusannoo fi Liqii hawaasa addunyaaf abdiidha’ jedhuun Ityoophiyaatti yeroo 28ffaaf, akka addunyaatti ammoo yeroo 72ffaaf kabajamaa jira.
 
Waldaaleen Hojii Gamtaa hirmaannaa misoomaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu keesssatti adda duree ta’uu eerrameera.
 
Mootummaan Waldaalee Hojii gamtaa caalmaatti bu’aa qabeessa taasisuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu daayreektarri olaanaan Ejansii Waldaalee Hojii Gamataa Federaalaa obbo Usmaan Saruur ibsaniiru.
 
Tattaaffii mootummaan taasiseen sadarkaa biyyatti Waldaalee miseensota miiliyoona 22.5 qaban horachuun danda’ameera jedhan.
 
Miseesonni kunneenis kaappitaala Birrii biiliyoona 28 horachuu isaanii eeraniiru.
 
Birriin biiliyoonni 20 ol ammoo bifa qusannoon kaa’ameera jedhan.
 
akka EBCn gabaaseetti yeroo ammaa waldaaleen  bu’uraa kumni 92 fi Yuuniiyeenoonni 391, akkasumas federeeshinoonn hojii gamtaa 4 damee garaagaraan gurmaa’uun sosocha’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.