Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Gurraandhala 7, 2012 ni kabajama

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Gurraandhala 7, 2012 mata duree “birmadummaa biyya keenyaa fi nageenya hawaasa keenyaa murannoon ni eegna” jedhuun akka kabajamu himameera.

Guyyichi hawaasa waliin marii taasisuun, hojiwwan tola ooltummaa, dorgommiin Ispoortii, agarsiifnii fi sirni qophaa’ummaa raayyaa ittisa biyyaa adeemsisuun kan kabajamu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa biyyaa FDRI beeksiseera.

Ayyaanichi imala raayyaan ittisa biyyaa FDRI haga ammaatti taasisee fi aantummaa ummataa isaa kan itti mirkana’u, akkuma kanaan dura ergama isaa murannoon ba’uuf qophii qabu kan itti mul’isuudha jedhame.

Raayyaan ittisa biyyaa nageenya hawaasa fi biyyaa eeguuf murannoon akka hojjeetu ministeerichi beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.