Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan tajaajiltummaa Finfinneetti sagantaalee garaagraan kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)-Guyyaan Taajaajiltummaa Qaammeen 1, Finfinnee fi naannawaa garaagaraatti kabajamaa jira.

Guyyicha sababaeeffachuun Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Itti Gaafatamtuu Dhimmoota Kaabinee Waajjira Muummee Ministiraa Alamtsahaay Phaawuloos waloon ta’uun konkolaachistoota Awutoobisii qaxxaamura biyyaa fi qaamolee damichaa tajaajila isaaniif galateeffataniiru.

Waltajjicha irratti haasawaa kan taasisan Aadde Adaaneh, qaamolee damee geejjiibaa keessatti hirmaatan tajaajila isaaniif galatatu malaaf jedhan.

Balaa tiraafika hirisuuf konkolaachistoonni eeggannoon konkolaachisuun lammiilee isaanii akka tajaajilaan imaanaa jedhaniiru.

Guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun har’a Magaalaaa Finfinneetti tajaajilli geejjibaa bilisaan kennama jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.