Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan wareegamtoota Tigraay 32ffaan Maqaleetti kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Guyyaan wareegamtoota Tigraay 32ffaan naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti kabajame.
 
Guyyichi siidaa wareegamtootaa jalatti bakka dura taa’aan Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii fi itti aanaan preezdaantii naannichaa Dooktar Dabratsiyoon G/Mikaa’eel, itti aantuun dura teessuu addichaa aadde Fatlawarq G/igzi’aabheer, af yaaniin mana maree naannichaa obbo Ruufaa’eel Shifaaran argamanitti kabajameera.
 
Bakka buutonni Waldaa Qaama Miidhamtootaa Tigraay, Waldaan Qabsaa’ota Tigraay, Waldaan Ijoollee Wareegamtootaa, bakka buutonni paartilee siyaasaa nananicha keessa socho’an argamanitti kabajameera.
 
Sirnichaan abaaboon siidaa wareegamtootaa jala kaa’ameera.
 
Dooktar Dabratsiyoon Waxabajjii 15 yoo kabajnu ummata duubatti hafummaa, hiyyummaa fi hacuuccaa jalaa baasuun, demokraasiin akka dagaagu namoota qabsaa’an yaadachuudhafi jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.