Fana: At a Speed of Life!

Guyyichi sirni Federaalaa gahee Nageenya waaraaf qabaatu haala cimsuun kabajama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa sirna federaalaa sabdaneessaa ijaarsa nageenyaa waaraaf gahee qabaatu haala cimsuun kan kabajamu ta’uu Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Federeeshinii Zahaaraa Humad ibsan.

Guyyicha akkaataa seeraa fi qajeelfama sirna Federaalaan kabajuuf leenjiin leenjistoota Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.

Leenjicharratti Afyaa’iiwwan naannoolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lameenii hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Guyyichi ijaarsa nageenyaa waaaraaf shoora olaanaa qabaachuu haala mirkanneessuun kan kabajamuu ta’uu Aadde Zaahiraa Humaad ibsaniiru.

Sirna Federaalawaa Sabdanneessaa, walqixxuumma, bilisummaa fi tokkummaa uummataaf wabii kan kenne ta’uu yaadachiisanii, guyyichi waldanda’uu fi walooma cimsuun diimookiraasii fi nageenya waaraa cimsuu kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Guyyaan sabaaf sablammoota 18ffaan Sadarkaa Biyyaaleessatti Sadaasa 29, 2016 Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigatti kan kabajamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.