Fana: At a Speed of Life!

Haala ittisa dhibee COVID-19 ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hojmaata vaayrasii koroonaa ittisuu ilaalchisee Preezdaantoota, itti aantootaa Preezdaantii naannoolee fi kaantibaawwan bulchiinsa magaaloota lamaa waliin viidiyoo konfarasiin mari’atan.
 
Naannooleen hundi vaayrasicha ittisuuf qophii duraa xumuruu isaanii beeksisaniiru.
 
Mala ittisaarratti hojiin hubannoo uumuu hojjettamaa jiru jajjabeessaa ta’us iddoo hundatti qajeelfama fageenya ofii eeggachuu hojiirra oolchuuf haalli jiru qormaata ta’uu ibsameera.
 
Keessattuu dhaabbilee amantaa keessatti qajeelfama fageenya ofii eeggachuu hojiitti hiikuuf rakkoo ta’aa jiraachuu himameera.
 
Deeggarsi dhiyeessii meeshaalee tajaajila yaala fayyaa naannooleef taasifamaa jiru akka hanqinaatti ka’eera.
 
Hanqinni ogeeyyii yaalaas naannootti kan muul’atu ta’uu ibsameera.
 
Hojiin hubannoo uumuu fi qophiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’us himameera.
 
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Waamicha biyyoolessaa deeggarsa walittiqabuu fudhachuun guyyoota darbanitti hirmaannaa taasifameef lammiilee biyyaattii hundaaf galata dhiyeessaniiru.
 
Hirmaannaan kun ummanni biyyattii quqqama biyyummaaf qaban qabatamaan kan agarsiiseedha jedhan.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hirmaannaan kun ammalee cimee itti fufu akka qabu dabalataan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.