Fana: At a Speed of Life!

Haala mijataa Ityoophiyaan damee qonnaan irratti bobba’uuf qophiidha- Dhaabbata dhiyeessa qonnaa fi beelladaa Saa’ud Arabiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Haala mijataa Ityoophiyaan damee qonnaan qabdu irratti bobba’uuf qophii ta’uu hogganaa qajeelcha olaanaa dhaabbata dhiyeessii qonnaa fi beelladaa Saa’ud Arabiyaa  Injinar Suulaymaan Abdurahimaan Aruumaayihi ibsan.

Ambaasaaddar Leencoo Baatiin hogganaa qajeelcha olaanaa dhaabbata dhiyeessii qonnaa fi beelladaa Saa’ud Arabiyaa  Injinar Suulaymaan Abdurahimaan Aruumaayihi waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin Ityoophiyaan damee qonnaan dandeettii guddaa waan qabduuf mootummaa Saa’ud Arabiyaas ta’e abbootiin qabeenyaa dhuunfaa Ityoophiyaatti qonna ammayyaarratti akka  bobba’aniif Ambaasaaddar Leencoon gaafachuu ragaan Riyaaditti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Arabiyaa  Injinar Suulaymaan Abdurahimaan Aruumaayihi gamasaaniin, haala mijataa damee qonnaa Ityoophiyaan qabdurratti bobba’uuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.