Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Dooniwwan Galaana Diimaarratti raawwatu gatiin Boba’aa akka dabalu taasiisuu mala jedhame

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Haleellaan Dooniwwan Galaana Diimaarratti raawwatu gatiin Boba’aa fi Shaqaxaalee akka dabalu taasiisuu mala jedhuun ogeeyyiin akeekkachiisan.

Yeroo ammaa finciltoonni Huutii Dooniwwan Daldalaa Galaanaa Diimaarratti haleellaa raawwachuu hordofee Dooniwwan hedduun sararicha fayyadamuu dhaabuu ibsameera.

Dooniwwan muraasni kallattii isaanii gara Kallattii Kibbaa akka naannawan taasiifamuu Dhaabbanni Daldala Doonii Guddaan Addunyaa ‘Maarsik’ beeksiseera.

Sodaa nageenyaa Galaanicharratti qiyyeeffate hordofee Duulli Humna Galaanaa idil addunyaa Ameerikaan durfamu hojii eegaluu BBCn gabaaseera.

Haleellaan gareen finciltootaa irra deddeebiin raawwatu sodaa nageenya idil addunyaa ta’uu isaan, deebiin cimaa kan barbaachisu ta’uu Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.