Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan humnoonni ABUT magaalaa Qoobboo fi naannawaa isheetti namoota nagaarraatti raawwachaa jiru daraan yaaddessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Haleellaan humnoonni ABUT Godina Walloo magaalaa Qoobboo fi naannawaa isheetti lammiilee nagaarratti raawwachaa jiru daraan yaaddessaa ta’uu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiise.

Saamichi, ajjeechaa fi halleellan garichi lammiilee nagaa fi bu’uuraalee misoomarratti raawwachaa jiru daraan hammaataa ta’uu komishinichi gabaasa isaan ibseera.

Qaamoleen waraanarratti hirmaatan namoota siiviiliif of eegannoo taasiisu dirqama akka qaban komishichi yaadachiiseera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Qorannoo gaggeessuu kan itti fufu ta’uus himeera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.