Fana: At a Speed of Life!

Hambaa fi duudhaan Hawaasa Hararii qabeenya daangaa cee’aa ta’eera – Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Ayyaanni Iid Shawaal marii paanaalii fi sagantaalee adda addaan kabajameera.
Hawaasa naannoo Hararii sirna miidhagaa ayyaana Iid Shawaal kunuunsee har’aan ga’eef kabajni kan maluuf ta’uu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin ibsan.
Naannoon Hararii iddoolee hawwata Turizimii hedduu qabaachuu eeruun, iddoolee kanneeniif kunuunsa barbaachisu taasiisuuf xiyyeefaannon ni hojjenna jedhan.
Hawaasni naannichaa sirnaa fi aadaa Iid Shawaal kunuunsee galmee UNESCO irratti akka galmaa’u taasisuu isaaf galata jabaa qabu jedhaniiru.
Hambaa fi duudhaan Hawaasa Hararii qabeenya daangaa cee’aa ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan dubbataniiru.
Harar abbaa Aadaa dagaagee fi duudha hedduu qabdu ta’uu Obbo Qajeelaa Mardasaan eeraniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.