Fana: At a Speed of Life!

Hambaalee Oromoo misoomsuun dhalootaaf dabarsuufi Aartii Oromoo guddisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC) – Giddugalli Aadaa Oromoo Amaataroota Aartii 151 baatii 3’f leenjisaa ture eebbisiisera.
Giddugalichibakka Hooggansi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi keessummoonni garaagaraa argamanitti mata duree ”Aartiidhaan Seenessa qeenxee gara Seenessa walootti ni jijjiirra” jedhuun eebbisiiseera.
Dargaggoonni dandeettii aartii uumamaan qaban gabbifachuun qaawwa gama aartiin jiru furuun aartii Oromoo gudditee sadarkaa Addunyaatti akka beekkamu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Daayrekteerri Olaantuun Giddugala Aadaa Oromoo Aadde Makkiyaa Jamaal ibsaniiru.
Giddugallii Aadaa Oromoo hambaalee ummatichaa bakka tokkotti walitti fiduun kunuunsuun dhaloota eenyummaasaa beekee ittiin boonu oomishuuf hojjachaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa, seenaafi aartiin Oromoo yeroo waliin tarkaanfachuun guddina diinagdee hawaasichaaf akka ooluu xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu Hoogganaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaziiz Daawuud himaniiru.
Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniin Industrii aartiifi aadaa Oromoo cimsuuf hojii hojjatamaa tureen bu’aa gaariin argamaa jiraachuu dubbataniiru.
Jijjiiramaa asitti aartii fayyadamuun seenessa dogoggoraa uummata Oromoorratti seeneffamaa ture hanga tokko sirreessuun danda’amuu ragaan Kallacha Oromiyaarraa argame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.