Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona1.9 irraa oomishni Qamadii Jallisii Bonee walitti qabame – BQO

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) -Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona1.9 irraa oomishni Qamadii Jallisii Bonee kuntaalli miiliyoonni 68 fi kumni 617 ol argamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Inisheetiivii Qamadii Bonaa bara kanan lafa hektaara miiliyoona 2. 8 misoomsuun hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona1.9 irraa oomishni Qamadii Jallisii Bonee kuntaalli miiliyoonni 68 fi kumni 617 ol 928 argamuu hoogganaan Biiroon Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun dubbataniiru.

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Baalee Aanaa Agarfaatti qamadii Bonaan misoomaa jiru daawwateera.

Inisheetiivichaan callaa kuntaala miiliyoona 105 ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 68 fi kumni 617 ol 928 argamuu Obbo Geetuun himuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.