Fana: At a Speed of Life!

Hanqina geejjibaa furuuf jalqabbiin Waldaa Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa fakkeenya-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Hanqina geejjibaa biyyattii mudataa jiru furuuf jalqabbiin Waldaan Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa fakkeenya ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaanti Shimallis, tajaajila Geejjibaa Fe’umsaa Gadaa hojii eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Obbo Shimallis haasawaa taasisaniin, naannichatti sochii diinagde bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu fi sochii kanaan dandeettii hiyyummaa fi ilaalcha mo’achuu akkasumas hoggansa ciccimmoo horanneerra jedhaniiru.

Hanqina geejjibaa biyyattii mudata jiru furuuf jalqabbiin gama Waldaa Askiyoona Geejjibaafi Loojistiksii Gadaan jiru fakkeenya ta’uu kaasaniiru.

Milkaa’ina hojii kanaaf uummanni beekumsa teeknolojii, barnootaa fi diinagdee horachuun, hiree isaatti fayyadamu qaba jedhaniiru.

Mootummaan naannichaas dhaabbiilee misoomaa bu’aa qabeessaa taasisuuf deeggarsa akka taasisu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Qaamoolee deeggarsa gama maraan taasisaa turanis galateeffataniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.