Fana: At a Speed of Life!

Hanqina sanyii filatamaa furuuf qonnaan bultoonni kilaasteraan gurmaa’uun akka misoomsaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- BQO

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Hanqina sanyii filatamaa jiru furuuf bara kana qonnaan bultoonni kilaasteraan gurmaa’uun akka misoomsaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsan.

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimaatti facaasaa Qonna Gannaa jalqabsiiseera.

Bara kana hojii qonna gannaa kilaasteraan misoomsuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Geetuun eeraniiru.

Hanqina sanyii filatamaa furuuf godinaaleen hundi yoo xiqqate sanyii lafa hektaara kuma 1 irratti akka misoomsaniif kallattiin kaa’amee hojiitti galamuu ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.